Saturday, September 29, 2007

Eessa irraa garam?

Qabsoo ummata Oromoo Adda Bilisummaa Oromoon gaggeeffamu jireenya Saba Oromoo keessatti injiffannoo guddaa galmeessee jira. Qaanqeen warraaqsaa gootota Oromoon bar kudhan sadi dura qabsiifamtee golee Oromiyaa hedduu keessa faca'uun ara'a ummatni keenya akka mirga isaaf itti himiinsa malee falmatu taasiftee jirti. Ummatni keenya Bara 1992 booda fincilla didddaa gabrummaa guututti dhaabaan osoo hin dhuunfatamin bakka addaa addaatti gaggeessa turee fi jiru; qabsoon kabajaa mulqamnee fi bilisummaa sarbamne deebifachuuf godhaa jirru kan murnoota maqaa Oromoon ijaaraman qofa irratti dhiifamu osoo hin taane dhimma isaa akka tahe tolchee hubachuu agarsiisa. Haa tahu malee sochiin ummataa hundi galii akeekatte gahuuf bifa ijaarsatiin qindeeffamuu fi gaggeeffamuu barbaachifti. Milkii sochii ummata tokkoof dammaqiinsi ummata sanaa akkuma murteessaa tahe, jaarmaya isa hoogganu qara, baranee fi kan haala ummataa isaa, naannoo fi addunyaa hubatee tooftaa fi tarsiimoo qabsoo qiyaasu isa feesisa. Addi bilisummaa Oromoo akka jaarmayaa fi murna isaa hoogganuttis warreegama guddaa kan baasee fi qabsoo ummata Oromoo bakka jalqabe irraa tarkaanfii tokko fuula dura kan fudhachiiise tahus yeroo ar,aa kana hoogganni jiru haala qabsoo keenyaa, haala naannoo fi addunyaa waliin tarkaanfachiisuu, irratt tarkaanfachuun hafnaan daaddee dadhabee waan gangalataa ykn konkolaataa jiru fakkaata. Sababni isaas;

1. Bara 1998 irraa kaasee baratootni Oromoo bifaa hoo'aa taheen qabsoo irraa qooda fudhachuun gaaffii sabaa fi miidhaa isa irraa gahu ifa baasuu fi ummatni keenya qabsoo isaa akka finiinsu kakasuuf warraagama guddaa baasuu fi qaamaanis qabsoo hidhaannootti dabalamanii diina irratti duuluuf bakka hundaan bobba'uun ni yaadanna. Hedduun isaanii dhaabatti dabalamuuf biyya keessatti naannoo WBOn jirutti bobbaa'uu fi kan carraa kana hin argatin yookan daandiin hin qajeeliniif biyya ollaatti bahuu dhaan dhaaba qunnamanis dhadhabii hoogganni kun agarsiiseen humni, dandeettiin fi lubbuun isaan qabsoon saba Oromoo ittiin gabbisuuf warreegamaaf qopheessan, qabsoof ooluu dadhabdee, ijoolleen Oromoo qabsoo dhaaf biyyaa maatii, hojii fi barnoota dhiisanii bahan biyyoota ollaa keessatti beelaa fi dhukkubaan dararamaa turan, jiran. Kanneen danda'ameefii dirree leenjisaa dhaqan dhaabni ykn hoogganni ABO qabsoo saba keenyaa gara humnaatti jijjiiruuf ilaalcha guddaa laachuu hanqachuu irraa bu'aa buusuu hanqatan, hedduun isaanii ammoo hojii ofirraa baasuu ykn hojii bilchinaa fi qaraannoo gahaa malee hogganni kun raawwatuun gammoojii biyyoota ollaa keessatti humna diinaatiin akaayaman.

2. Bifa fakkaataan kanneen barootaaf diina waliin dalagaa turan waggoota jahan dabran keessa dhaaba keenyaatti harka laachuu fi ummata isaanii badii irratti dalaganiif hojjachuuf qaphii tahanii dhihaatanis, muuxannoo diinaa keessatti isaan qabanitti gargaaramuun hojii raawwatamuu male raawwatuun hin danda'amne.

3. Beekomsa ykn odeessa an qabu irraa addi bilisummaa Oromoo takkayyuu ogeessota waraanaa sadarkaa ammaa qabuu argatee hin beeku, seenaa waggaa 30 olii keessatti. Humni waraanaa jeneraalotaan durfamu mooraa diina oneessee dhaaba kanatti gale maal irra akka jiru namni beekaa? Waan irra jiran hunda beekuu hin qabnu, garuu dhimma Oromoo wanni ilaalu gaariin raawwatame xinnatu kanneen halkaniif fi guyyaa gurra baasanii sochii qabsoo hordofan jalaa dhokata jedhee hin yaadu. Sodaan ture akkuma kanneen asiin dura dhaaba kannatti dabalamanii ukkaamsamuu dha. Akka natti mul'atutti sodaan kun dhugaa tahuu irraa fagaata hin jedhu. Seenaa dhaaba kanaa keessatti hoogganni turee fi amma jirus ofii dandeetti qabuun hooggana hojii waraanaas tahe siyaasaa akkasumas diplomasii raawwatan leenjise hin qabu. Yoo tolchinee ilaalle ganna 40 booda sammuu fi nammootni qabsoo kana hoogganan hin jijjiiramne, bakkuma 1974 sana jirra. Akkuma namni dhalate guddatee, jaaree dabru yoo kan biraa bakka hin buune sanyiin isaa dhabamu, murni kamuu kan of jijiiruu hin dandeenye ni dhabame. Beekkomsaa fi dandeettiin akka qabeenya lakkaawamuu kaayanii guyyaa du'an wal hin dhaalchisan, osoo jiran wal barsiisanii nama biraa bakka buusan. Gabaabamatti akka adeemsa irraa agarrutti haalli amma jiru dhaaba kana mataa irraa gadi haala ajjeesaa deemuu dha.

4. Qabxiin biroo, kan bira dabruu hin dandeenye, dhalootni itti aanu akka dhibdee kana keessaa bahee jaarmaya kana muuxachiisee as hin baane rakkoon guddaan furamuuf ulfaatu, beekkan, ykn ir'ina hunbannootatiin uumamaa. Ir'ina dandeettii dhaabni kun qabu amanuu diddaa rakkoo amma jirtu faallaatti akka hubatamu godhamaa jira. akka jaarmayaatti ir'ina jiru furuu ykn sabani Oromoo akka furatu haala aanjessuu irra, dhiibdee jiru namootatti haqatuu, caasaa gandummaa gubbaa irraa hanga gadiitii diririisuun humnaa fi yeroo waan bu'aa hin qabne irratti hooggannii ofii isaatiif dabarsuu irra dabree akka miseensotni dhaabaas yeroo isaan qisaanan gochaa jiru. Kun ammoo akka fuula duras furmaata hin arganne ilmaan Oromoo giddutti shakkii ummuu irra dabree jibbaa hin barbaachifne akka uumu godha. Kaleessa akka Galaasaa Dilboo wal dorgomii aangoo fi dadhabii isaa haguuguuf qabsaawota dhaalootaan naannoo bahaa gama kaaniin ammoo giddu galeessa bahaa fi kibbaa bahaatti dhalatan walitti naqee ofii manguddoo araaraa tahee gidduu taa'aa turee fi yoo inni bakka sana hin jiraanne qabsoon Oromoo akka killee lafa dooftee kan caccapxu fakkeessaa turee, fi dadhaabbii dhugaa irratti akka hin haasayamne godhaa turetti, ar,as sabboontatni Oromoo haala jiru bifaa dhugaatiin akka hubatuu hanqatan godhamaa jira.

5. Gidduu kana "congressinal hearing" dhimma Itoophiyaa irratti godhamuuf deemu keessa Addi Bilisummaa Oromoo bahee, kanneen ganna sadi maqaan isaanii hin dhagahamne kan akka ONLF, CUD, fi nammotni dhuumfaan afeeraman dhaabni keenya nama miliyoona 40 bakka bahu, madaala kaasuu hanqatee keessa hambifame waan jedhu yoo dhageenyu maaltuu nutti dhagahama? Diplomacy wanni jedhu nuuf hin barbaachifne moo lakki hojjatuu dadhabne, yookn ammoo ONLF irra jibbamne?

Akkuma armaa olitti tuqe haalli qabsoon keenya keessa jirtu heeduu gaaga'aa dha. Kana keessaa bahuuf tokkummaa feesisa. Dhaabni nuti jaalanu, wareegama bifa hedduu itti baafnee fi lammiin keenya itti cilee tahe yoo dhibdee ykn summii shakkii gubbaa irraa gadi facaatu kana faccisuu hin dandeenya maqaa qofatti hafuuf deema.

Lammiin Oromoo baroota dheeraaf qabsoo isaa dhimma murna tokkoo godhee irratti ilaaluu, badduu fi toltu isaanuma dhageeffatuu aadaa godhatee jira. Akka gubbaa irratti tuqeetti biyya keessatti jijjiiramni hedduun jiraatus, hedduun keenya hanga ar'aatti "yoo dhaabni keenya akkas jedhe jechuu malee" dhimmi qabsoo Oromoo akkuma murna dhaaba kana gaggeessuu kan nu ilaalu tahuu hubachaa hin jirru. Yoo dhaabni ijaa ykn qarayyoo saba keenyaa tahe osoo ijaan ilaalu dadhabbii hooggana kanaa ykn itti gaafatamu Oromummaa akka lammiitti fuchachuu dhabuu keenyaa rasasuma keenyaan madaa'ee haala du'aa fi jireenyaa keessatti argamu harka marannee ilaaluun yakka guddaadha.


Hubachiisa

Kanneen qabsoo saba isaaniif waggaa soddomaa ol jireenya isaanii wareegan hafnaan ilma Oromoo guyyaa tokkoof mirga saba isaatiif jireenya guyyaa tokkoo wareegeefuu kabajaa guddaan qaba. Kanneen ar'a dhaaba kana hoogganan wareegama daangaa hin qabne akka baasan nan beeka. Yoo gama dhimma sana keenyaatti deebinee garuu jireenyaa fi wareegama namoota irra kan sabaa fi biyyaa waan caaluuf, wareegamni isaan baasan ija keenya haguugee dhugaa awwaaluu waan hin qabneef kana yaada kiyya akka ibsashe, kanneen akka tasaa barruu kana dubbiftan akka naaf hubatan gaafadha

HGW